Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad hojiilee misoomaa Aanaa Canchaa daawwatan

Finfinnee, Onkololeessa 23, 2015 (FBC)– Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad hojiilee misoomaa Godina Gaamoo Aanaa Canchaa daawwatan

Aannichaatti dargaggoota waldaa hojii gamtaa hojiilee wayyaa dhahuurratti gurmaa’anii hojjetan daawwataniiru.

Dargaggoonni kunneen duraan naannawichaatti mala aadaan hojii wayyaa dhahuu hojjechaa turan meeshaalee ammayyaa gargaaramuun hojjechaa jiraachuun eerameera.

Gama biraatiin, Muummeen Ministiraa Magaalaa Canchaatti hojilee qonnaa qindaa’aa hojjetamaa jiraan kan daawwatan yoo ta’u, magaalattiitti lafaa xiqqaarratti appilii dabalatee kuduraafi muduraa garaagaraa misoomsaa kan jiraniifi horsiisaa beeyladaarratti kan bobba’an sochii hojii nama dhuunfaa tokko daawwataniru.

Hojiileen akkanaa naannawaa birootti babal’achuu akka qabu Muummeen Ministiraa hubachiisaniiru.

Dhaabbileen amantaa hojiilee misoomaa keessatti hirmaannaa taasisaniin fakkeenya kan ta’e hojiilee hawaasa giddu galeeffaachuun Manni Amantaa Qaale Hiiwot Gaamoo hojjechaa jirus daawwataniiru.

Manni amantichaa naannawaa Canchaatti sanyiilee appilii madaksaa jira.

Kana malees, loon annanii sanyii fooyya’oo hawaasaaf dhiyessaa jirachuun ibsameera.

Alaazaar Taaddalaatu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment