Finfinnee, Sadaasa 17, 2014 (FBC)- Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad gara adda waraanaatti duuluun uummata Affaar injifannoo caalmaaf kakaasuu hoggantoonni naannoo Affaar ibsaniiru.
Gara adda waraanaatti duuluun Muummee Ministiraa Abiy Ahimad uummata Affaar humna weeraraa ABUT irratti injifannoo galmeessuuf daran kakaasuu Hogganaan Biiroo Misooma Magaalaa fi Konistiraakshinii naannoo Affaar obbo Ahimad Nuursaaliin ibsaniiru.
Murtoon Muummee Ministiraa Abiy Ahimad hoggantootaa fi namoota bebbeekamoo naannichaaf kaka’umsa olaanaa uumuu kaasaniiru.
Hogganaan Biiroo Daldalaa fi Invastimantii naannoo Affaar obbo Mahaammad Ahimad gamasaaniin, Murtoon Muummee Ministiraa Abiy Ahimad biyyasaanii fi uummatasaaniif hogganaa sirrii ta’uusaanii kan ittiin mirkaneessan ta’uu kaasaniiru.
Garee shororkeessaa ABUT yeroo gabaabaa keessatti dhabamsiisuuf uummanni Ityoophiyaa hundi tokkummaan ka’uu akka qabu yaadachiisaniiru.
Maddi :- DhPI
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.