Finfinnee, Sadaasa 15, 2014 (FBC) – Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad Asxaa gootummaa hoggantoota Ityoophiyaa duraanii haaromsaniiru jedhan hogganaan Raayyaa Ittisa Biyyaa duraanii Birgaader Jeneraal Waasihuun Nigaatuun.
Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad dirree waraanaatti argamuun Raayyaa Ittisa Biyyaa hogganuun isaanii asxaa injifannoo hoggantoota Ityoophiyaa duraanii haaromsuu muul’isa jedhan.
Murtoon Muummee Ministiraa Abiy Ahimad murtoo guddaa biyya baraaruf fudhatame ta’uu kaasaniiru.
Seenaa injifannoo hoggantoota Ityoophiyaa duraanii irra deebiin galmeessaniiru jedhan.
Murtoo isaanii akka murtoo seena qabeessa biyya baraaruuf taasifameetti ilaaluun barbaachisaadha jedhan.
Uummanni Ityoophiyaa Muummee Ministiraa Abiy Ahimad cina hiriiruun garee weeraraa biyya diiguuf socho’u balleessuu akka qabu dhaamaniiru.
Maddi:- DhPI
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.