Muummeen Ministira Dooktar Abiy Ahimad Muummee Ministira Kanaadaa Jastiin Tiruudoo waliin mari’atan

Finfinnee, Amajjii 30, 2012 (FBC) – Muummeen Ministira FDRI Dooktar Abiy Ahimad Muummee ministira Kanaadaa Jastiin Tiruudoo waliin mari’ataniiru.

Muummee ministira Kanaadaa Jastiin Tiruudoo kaleessa galgala daawwanaa hojiif Finfinnee galaniiru.

Guyyaa har’aa waajjira muummee ministiraatti hoggantoonni lameen dhimmoota garagaraarratti mari’ataniiru.

Maricharratti Muummeen Ministira Dooktar Abiy Ahimad hariiroon Ityoophiyaa fi Kanaadaa cimaa ta’uu kaasaniiru.

Dooktar Abiy Ityoophiyaan hariiroo biyyootaaf n bakka guddaa qabdi jedhaniiru.

Muummee ministira Kanaadaa Jastiin Tiruudoo gama isaanitiin Ityoophiyaa fi Kanaadaan damee barnootaan, misoomaa fi diinagdeen hariiroo baroota dheeraa lakkoofsise akka qaban dubbataniiru.

Muummeen ministiroota lamaan misooma, jijjiirama qabeenya qilleensaa, daldalaa, invastimantii inaarjii, agroo prosasiing fi qoricharratti waliin hojjechuuf mari’ataniiru.

Anga’oonni lamaan Paarkii Tokkummaa waliin daawwataniiru.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment