MM Dr Abiy bakka qonna magaalaa daawwatan

Finfinnee, Muddee 17, 2012 (FBC)- Muummeen ministiraa Dooktar Abiy Ahimad bakka qonna magaalaa daawwatan.

Muummeen ministiraa Dooktar Abiy Ahimad ministira Ministeera Innooveeshinii fi Teeknooloojii Dooktar Injiinar Geetaahuun Makuriyaa waliin ta’uun bakka xiqqoorratti oomisha hedduu iddoo oomishuun danda’amu bakka qonna magaalaa daawwataniiru.

Dooktar Abiy Ahimad magaalonni keenya qonna magaalaaf humna olaanaa kan qaban ta’uu kaasuun, soorata magaalaaf kan oolan fuduraa fi mudraa oomishuun faayidaarra oolchuu akka qaban ibsaniiru.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment