Finfinnee, Amajjii 10, 2012 (FBC) – Muummeen Ministira Dooktar Abiy Ahimad ayyaana Cuuphaa sababeeffachuun ergaa dabarsaaniiru.
Muummeen Ministira Dooktar Abiy Ahimad ummattoota Ityoophiyaa hundaan baga Ayyaana Cuuphaa nagaan geessan jedhaniiru.
Iyyassuus Kiristoos laga Yoordaanositti otuu hin cuuphamiin dura dhalli namaa bishaan kan beeku akka abaarsatti ture.
Bara Nooyii dhalli namaa bishaaniin bade. Sabni Israa’eel gaafa biyya Gibts ba’anii yeroo gara Kana’aanitti adeemaan daandii kan itti cufe galaana Eertiraan ture.
Iyaarikoo darbanii gara lafa isaanitti gaafa ce’an daandii kan itti cufe galaana Yoordaanoosidha.
Iyaasuus Kiriistoos giddugala Yoordaanos yoo dhaabatu bishaan abaarsaa gara bishaan eebbatti jijjiirame.
Kanaaf waggaa waggaan gara bishaanii buunee ayyaana cuuphaa kabajna.
Addunyaaratti qabeenyi haaraan ni uumama jennee eeggachuu hin qabnu. Wantoota rakkinaa, dhipphinaa fi abarsaaf oolaa turan gara eebbaatti jijjiiru qabna.
Biyya keenyatti qabeenya dhiibbaa diinaan abaarsaaf oolaan gara eebbatti jijjiruu qabnu hedduutu jira. Fakkeenyaaf bayyina keenya yoo fudhannee wal qoqqooduuf sababa ta’aa jira.
Otuu beekne garuu baayyinni keenyi eebbaaf gochuu ni dandeenya. Baayyina jechuun wanta baayyee jechuudha; ulfina baayyee, qabeenya baayyee, hambaa baayyee, seenaa baayyee, afaan baayyee, aadaa baayyee jechuudha.
Namoonni addunyaa biraa qabeenya nuti qabnu kana barbaacha addunyaarra jooraa jiru.
Nuti garuu biyya keenya keessatti baayyina addunyaa raajjeffachiisu qabna.
Itti fayyadama isaa miidhaginaaf yoo taasifne Ityoophiyaan bakka kuufama qabeenya namaati.
Kiristoos bishaan kan eebbise samiirra bu’ee gara bishaanii deemeti; bishaan walakka dhaabateeti; bishaaniin cuphaametidha.
Nutiis hordofuu kan qabnu kanadha. Bakka jirurra gadi buunee, idoo tokko gara tokko adeemee namoota biro gidduutti arganeetidha.
Walirraa barachuu qabna; eebba argachuu kan dandeenyu qarqara dhaabannet miti; walakkaa seenneet malee. Faagoo jiraanneet miti garasitti imallee malee iddoo olaanaa jirra jennet miti gara ummaataa gadi buuneeti malee.
Biyyoonni guddataniiru jennu hunduu abarsa gara eebbatti jijjiraniti.
Ummanni badhaadhaan akkaata isaan itti badhaadhaan rakkina gara carratti jijjiruunidha.
Ummata kana cabbie fi ho’I yeroodha gara yerootti isaan rakkisa.
Dandeetti isaanitti fayyadamuun jijjiirama qabeenya qilleensa isaan rakkisu gara eebbaatti jijjiiruun biyya mijattu ijaraaniiru.
Rakkinni otuu hin jiraatiin furmaanni, qoraamatni otuu hin jiraatiin ciminni, dukkanni otuu hin jiraatiin ifni hin jiraatu.
Si’a kuma dukkana komachuun ifa hin fidu akkuma jedhamu bakkuma jirru taane abaarsa abaaruun eebba hin ta’u. kanaaf bakka jirurra gadi buunee bishaan walakkaa haadhabannu. Yeroo sana eebbi nuti barbaannu ni ta’a.
Tokko akka taanuuf, akka qaroomnuuf, akka badhaadhnuuf, akka ammayyamnuuf kootta hundi keenyi gadi buunee wantoota rakkinaa fi qoramaata nutti fakkaataan gidduutti haa argamnu. Fageenyarra ilaaluu dhiifne gidduutti haa ragamnu.afaaniin aadaan, duudhaan, seenaadhaan walakkaa haa dhaabbannu.
Ayyaana gaarii!.