Muummee Ministiraa Sudaan kaabiinee haaraa ministiroota 25 hammatu hundeessan

Finfinnee, Gurraandhala 2, 2013 (FBC) – Ministirri Mummee Hamdook murtee isaanii kanas haasaa TV biyyaaleessaa irratti kallattiin tamsa’een mirkaneessan.

Itti dabaluunis, ”Kaayyoon kaabiineen haaraan itti ijaaraameef inni guddaan waliigaltee siyaasaa biyyattii kufaatii irraa oolchuuf” jedhaniiru.

Motummaan haaraan isaanii ministiroota 25 akka qabaatu kan beeksiisan Muummeen Ministiraa kun, Ministirri Barnootaa eenyu haa ta’u kan jedhu irratti ammayyuu waliigalteerraa akka hin gahiin himan.

Mummee Ministiraa Haamdook tibba ibsa gaazexeessitootaaf kennanniitti akka dubbataniitti, motummaa haaraan kaayyoowwan waraaqsa ummataa bara Faranjoota Muddee 2019tiin kan abboomamu yoo ta’u, fiixaan bahiinsawwan aanga’oonni duraanii eegalan kan itti fufsiisu ta’a jedhan.

Hooggansa kana dura tureef hojiiwwan fiixaan bahiinsa jedhanii kaasan keessaa tokko Sudaaniin tarree biyyoota shororkeessitoota deeggaranii keessaa haqisiisuu danda’usaaniiti.

Ministiroota haaraa mudaman keesaa tokko kan kana dura garee finciltootaa Sochii Haqaa fi Walqixummaa jedhamu hogganaa turan Jiibriil Ibraahiim keessatti argamu.

Kana malees intalli Imaamii fi ministera muummee karaa dimokiratawaa isa xumuraaf filatamanii dhiyeenya kana du’aan boqatanii, Saadiiqi Al-Mahaadii, kan taatee Mariiyaam Al- Saadiiqi Ministira Haajaa Alaa ta’uun mudamte jirti.

Namoonni motummaa keessatti hamaataman kanneeniif mudamni kun kan kennames haaluma waliigaltee Bitooteessa darbee Juubaatti motummaa ce’umsaa fi gamtaa gareewwan finciltootaa Adda Warraaqsa Sudaan (SRF) jidduutti taasifameetiin jedhameera.

Mootummaa haaraan kunis biyyattiin bara Faranjoota 2014tti filannoo hanga gaggeessituutti aangoorra kan turu ta’a jedhameera.

Maddi:- BBC

Fuula feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa yuutyuubii keenyan nu hordofuuf fbc afaan oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.

Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna!

 

Comments (0)
Add Comment