Muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad noobeelii badhaafamuu isaanitiin magaalaa Jimmaa, Adaamaa, Burraayyuu, Bishooftuu, Sabbataatti sirni gammachuu ibsannaa gaggeeffame

Finfinnee, Muddee 2, 2012 (FBC) – Muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad noobeelii badhaafamuu isaanitiin magaalaa Jimmaa, Adaamaa, Burraayyuu, Bishooftuu, Sabbataatti sirni gammachuu ibsannaa gaggeeffame.

Dooktar Abiy Ahimad looreetii noobeelii nageenyaa addunyaa ta’uun badhaafamuu isaanitiin, jiraattonni magaalichaa gammachuu isaanii qophiilee addaddaatin ibsataniiru.

Agarsiisa maarch baandii fi bunni daffuun affeerraa taasifameen gammachuu isaanii ibsataniiru.

Sirnicharrattis hoggansi magaalaa Jimmaa fi godina Jimmaa, miseensonni raayyaa ittisa biyyaa fi jiraattonni magaalittii fi naannawa ishee argamaniiru.

Hirmaattonni sirnichaa badhaasni argame tokkummaa, waliin jireenyaa fi jaalala kan cimsu ta’uu ibsaniiru.

Kantiibaan magaalaa Jimmaa obbo Makkiyuu Mahaammadii fi bulchaan bulchiinsa godina Jimmaa obbo Abdulhakiim Muluun badhaasa damee nageenyatiin argame jiraattonni diinagdee fi dameewwan birootin dabaluuf kutannoon akka hojjetan dhaamaniiru.

Muktaar Xahaa

Comments (0)
Add Comment