Muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad koree biyyoolessaa vaayrasii noovil koroonaa ittisuuf hundaa’e waliin mari’atan

Finfinnee, Gurraandhala 30, 2012 (FBC) – Muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad koree biyyoolessaa vaayrasii noovil koroonaa ittisuuf hundaa’e waliin mari’atan.
 
Korichi hoggansa miseensota waajjiraalee ministeeraarraa kan hundaa’edha.
 
Korichi sadarkaa federaalaa fi naannooltti Ministeera Fayyaatin duurfamuudhan hojiilee ittisaarratti qophiilee barbaachisoo taasisaa jira.
 
Muummee ministiraa ergaa waltajjicharratti dabarsaniin, hubannoo hawaasaa cimsuudhan ittisuurratti qophaa’ummaa qabaachun barbaachisaa ta’uu ibsan.
 
Korichi dhiibbaa hawaas diinagdee mudachuu malu dandamachiisuuf filmaata bal’aa qopheessuu qabas jedhan.
 
Hojiileen amma ammaatti hojjeteenis dansaa ta’uu nan amana jedhan.
 
Ittisaa fi to’annoorrattis qophii ga’aan taasifamuun ibsameera.
 
Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Boolee dabalatee karroota seennii fi ba’iinsaa lafoo fi qilleensaa 30tti qorannoon taasifamaa jira.
 
Hanqinni hguuggii afaanii fi funyaanii akka hin mudanne, gabaa alaatif dhiyaachaa kan ture akka dhaabbatu taasifameera.
 
Magaalaa Finfinneetti Hoospitaalli Yakkaa Kootabee tajaajila yaalichaa qofa akka laatu murtaa’era.
 
Hoospitaalichi si’a tokkotti namoota 300 keessummeessuu danda’a. Dhawaata humnasaa akka cimsatus gaafatameera.
 
Magaalaa Bishooftuutti Hoospitaalli Raayyaa Ittisa Biyyaa tajaajila kanaaf qophaa’era.
 
Naannoleetti iddoowwan paarkiiwwan indaastirii jiranitti qophiin taasifameera.
 
Vaayrasichi addunyaarratti babal’achaa dhufuu isaatin koonfaransoonni idil addunyaa Ityoophiyaatti gaggeeffamuuf turan haqamaniiru.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment