MM Dr Abiy Ahimad ijaarsa daandii Marawwaa -Somooddoo -Saqqaa – Simooddoo – Limmuu jalqabsiisan

Finfinnee, Muddee 18, 2012 (FBC)- Muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad ijaarsa daandii aspaaltii Marawwaa -Somooddoo -Saqqaa – Simooddoo – Limmuu jalqabsiisan.
 
Dooktar Abiy Ahimad har’a ganama godina Jimmaa aanaa Limmuu Kossaa galaniiru.
 
Saganticharratti itti aanaan preezdaantii mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa, ministirri Ministeera Geejibaa aadde Daagmaawiit Moogas, qondaaltonni federaalaa fi naannoo Oromiyaa argamaniiru.
 
Ijaarsi daandichaa Birrii biiliyoona 2 oliin, waggaa 4 keessatti hojjetamee xumurama jedhameera.
 
Daandichi kiilo meetira 94 kan uwwisu yammuu ta’u, baasii ijaarsa daandichaa mootummaa Ityoophiyaatu danda’a.
 
Hojii ijaarsa daandii kanaa koontiraata kan fudhate dhaabbata Chaayinaa TuCJu Injinariing Gruup jedhamudha.
 
Hwaayit Naayit Koonistiraakshin Maanaajimant hojii to’annaasaa ni hojjeta.
 
Daandichi Masaraa Abbaa Jifaar cinaa kan darbu yoo ta’u, hawwata tuuriizimii jajjabeessuu fi daawwattootaf haala mijataa uumuu keessatti qooda ni qabaatan itti abdatameera.
 
Dabalataan dhaabbileen indaastirii geejibaaf daandii ga’aa akka argatanii fi qonnaan bultoonnis oomisha isaanii salphaan gabaadhan akka ga’atan ni gargaara.
 
Daandin kun waggoota 45 ol tajaajileera.
 
Laykuun Alamtu gabaase.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment