Finfinnee, Fulbaana 18, 2015 (FBC) – Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimadii fi Jilli Pireezidaantii Somaaliyaa Hasan Sheek Mahaammadiin durfamuu dhimmoota gama lameenii irratti mari’ataniiru.
Dureewwan lameen hariiroo Ityoophiyaa fi Somaaliyaa gidduu caalmaan cimsuuf fedhii fi murannoo qabaachuu ibsaniiru.
Keessumaa tasgabbii naannawaa Gaanfa Afrikaaf waloon hojjechuun akka barbaachisu xiyyeefannaan kennameera jedhame.
Muummee Ministiraa Abiy Ahimad maricharratti Ityoophiyaan Bulchiinsa Somaaliyaa haaraa waliin dameewwan garaagaraarratti hojjechuuf qophii ta’uu mirkaneessaniiru.
Keessumaa guddinaa diinagdee fi hawaasummaaf xiyyeeffannaa kan kennan ta’uu ibsan.
Somaaliyaa tasgabbooftee fi cimtuun, cimina Ityoophiyaaf akka fayyadu ibsuu ragaan Waajjira Muummee Ministiraarraa argame ni mul’isa.
Pireezidaantiin Hasan Sheek Mohaammad, Ityoophiyaan Somaaliyaa fooyyoftee ijaaruuf wareegama kaffalteef dinqisiifannaa isaanii ibsanii, biyyoonni lameen rakkoolee waloo mudatan furuuf walta’iinsi barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.