Muudamtoonni sadarkaa dirqama dabalataa fi Itti gaafatamummaa dabalataaf of qopheessuu qabu jedhame

Finfinnee, Fulbaana 27, 2014 (FBC)- Muudamtoonni sadarkaa dirqama dabalataa fi Itti gaafatamummaa dabalataaf of qopheessuu akka qaban ibsameera.

Hospitaalli Ispeeshaalaayizdii Humna waraanaa hooggantootaa fi miseensota raayyaa ittisaa raawwii hojii olaanaa galmeessisanii fi yeroo turtii isaanii xumuraniif guddina sadarkaa laateera.

Sirnicharratti muudamtoonni dirqama dabalataa fi Itti gaafatamummaa dabalataaf of qopheessuu akka qaban ajajaan Hospitaalichaa Birgaadeer Jeneraal Dooktar Hayiluu Indaashaaw ibsaniiru.

Sadarkaan akkuma guddachaa adeemu amanamummaan, quuqamni fi dhamaatiin keenya dabaluun Ityoophiyaa caalmaatti tajaajiluuf of qopheessuu qabna jedhaniiru.

Bu’uuruma kanaan warreen guddina kana argataan gama maraan of qopheessuutu irra jira jechuu ragaan Ministeera Ittisa Biyyaarraa argame ni muul’isa.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment