‘Murtoowwan keenyaan miiraan kan fudhataman osoo hin taanee faayidaa waaraa kan hubataniidha’-Abiy Ahimad

Finfinnee, Muddee 15, 2014 (FBC)- Duulli Tokkummaa Sabdaneessaa duula eegaleen garee shororkeessaa ABUT naannoo Amaaraa fi Affaarii baasuun galma eegalee milkeesseera jedhan Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad.

MM Abiy Ahimad Mootummaan raayyaa ittisa biyyaa iddoowwan to’atee gadi lakkisee akka hin baanee ajaja laateera, murtoo kana kan murteessees miiraan osoo hin taanee faayidaa waaraa argamsiisuu hubateetidha jedhan.

Adeemsi Ityoophiyaan akka injifattuu hin taasifnee hundi kallattiin ta’ee al kallattiin diinoota isheef jabina kan uumuu, umrii gareewwan shororkeessitoota akka dheeratuu taasisaa jedhaniiru.

Murtoowwan waraanaa miiraan murteeffamaan biyyi lolaa keessatti akka kuftuu taasisaa jedhan.

Ityoophiyaa dhadhabsiisuuf duulli banamee bifaa hedduu qaba, balaan birmaddummaa ifatti qofaa osoo hin taanee dhoksaaniis ni raawwatama, waraanni odeeffannoo, dippiloomaasii fi diinagdee ni gaggeeffama.

Nun ittisa kan jirruu waraanaa qofaa osoo hin taanee duuladha .addoonni duulas heddudha jedhaniiru.

Tokko tokko fulaa fi fulaatti kan raawwataan yoo ta’uu, tokko tokko ammoo bifa kiyyootiin kan gaggeeffamaniidha.

Mootummaan birmadummaa Ityoophiyaarratti kan banamee duula dhokataa fi muulata ittisuu fi to’achuuf akkasuams barabaraan Ityoophiyaan injifattuu akka taatuu mirkaneessuuf karoorrii qabatee addoota hundaatti hojiirra ooluu kan danda’uudha jedhaniiru.

Rakkoon kaabaa Ityoophiyaatti muudatee jijjiirramaa eegalee hordofeetii kanas uummanni keenyaa ni beeka.

‘Ityoophiyaa ana qofaatu bulcha’ kan jedhuu gareen shororkeessaa ABUT naannichaa da’aannaa kan taasifatee jijjirramaa eegalee horfoofeeti.

Mootummaan miidhaan namoonaa fi meeshaalee akka hin qaqqabneef, nageenyaa uummataa akka hin boorofnee fi diinagdeerratti miidhaa olaanaa akka hin qaqqabnee yaaduun rakkoowwan karaa nagaa hiikuuf yaalee ture.

Garen shororkeessaa ABUT garuu karaa nagaarra badiin itti muuldhateera jedhan.

Araara Ityoophiyaa fi Eertiriyaa gidduutti uumame bu’uura taasiisuun sodaa naannolee biroo jiru qorachuun Raayyaan Ittisaa daangaa Eertitiyaa ture iddoolee birootti akka sochu’uuf wayita yaallamu ABUT ummata keessatti daa’immaan fi jaarsoliin daandirra akka ciisaan taasiisuun Raayyaan Ittisaa naannichaa akka hin baane taasiisuun kan yaadatamuudha.

Kun akkuma jirutti ta’ee Ityoophiyaa weeraruuf humnoota alaa waliin iccitiin hojjechaa turuu himeera.

Karoora kana hojiitti hiikuuf Raayyaa Ittisaa Ajeja kaabaa ummata waliin jiraataa ture haala suukaneessaa ta’een haleellaa irratti raawwachuu ibsaniiru.

Gochaa kanas kan raawwate humnoota alaa waliin qindoomee ta’uu kaasaniiru.

Tarkaanfii Deebisaan haleeluun ariifachiisaa raayyaan ittisaa fudhateen garichi gara Tanbeenitti dheeffee ture.

Hoggantoota garichaa muraasa seeratti kan dhiyaatan yoo ta’u, gariin irratti ammo tarkaanfiin fudhamuu himaniiru.

Haaluma gaaffii ummata naannichaan Raayyaan Ittisaa baatiwwan 8 naannoo Tigraay turuu fi tajaajjilli Diinagdee, hawaasummaa fi siyaasaa akka ariifatu wareegama kaffaluu eeraniiru.

Yaa ta’uutii garichi olola sobaan maqaa raayyichi xureessaa turee eeran.

Hawaasni olola kana hordofee dugda duubaan raayyaa ittisaa akka waraanu dirqiseera.

Rakkoo kana tilmaamama keessa galchuun mootummaan waliigatee dhukaasaa dhaabuu gamtokkee taasiisuun Raayyaan Ittisaa naannichaa akka ba’uu murtoo dabarseera.

Garichii fi deeggartoonni isaa garuu Raayyaan moo’amee naannichaa akka ba’etti lakkaa’uu turuu himaniiru.

Kana bu’ura godhachuun tarkaanfii fudhachuu eegaluu isaa ibsaniiru.

Weerara kana qolachuuf qophii ga’aan erga taasiifamee booda karoora qindaawaa hoggansa ogummaan guuttame, teeknooloojiin deeggarameen weerara kana qolachuun danda’amuu fi iddoolee weeraree duguuggamee akka ba’u taasiifamuu himaniiru.

Karoora jalqabaan garichi naannoo Amaaraa fi Afaarii akka ba’u taasiisuu ture.

Karoorri kunis guutumaan guutuutti milkaa’uu ibsaniiru.

Raayyaan ittisaa iddoolee murteessoo ta’an qubachuun sochii diinaa akka hordofu taasiifameera jedhan.
Murtoo kana murteessuuf sababoonni garaa garaa jiraachuu Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad ergaa isaaniin ibsaniiru.

Haalli tokkummaa fi birmadummaa biyyaa balaarra buusu wayita muudate Raayyaan Ittisaa gara naannoo Tigraay seenuun olaantummaa seeraa qabachiisuuf mirga heera mootummaa Raayyaa Ittisaa qofa osoo hin taane dirqama qabaachuu himaniiru.

Bulchiinsa tokkummaa eegsiisuu fi daandii Ityoophiyaan waaraan moo’attuu taatu qajeelchudha.

Kana booda garichi waan barbaade gochuu hin danda’u jedhan.

Bu’uurri injifachuu Ityoophiyaa laafina diinaa osoo hin taane gamtaa fi tokkummaan dhaabbachuun ta’uu dubbataniiru.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment