Murtoon nageenyaa mootummaan Ityoophiyaa dabarse fudhatama kan qabu ta’uu biyyoonni garaagaraa ibsan

Finfinnee, Bitootessa 16, 2014 (FBC) – Murtoon nageenyaa mootummaan Ityoophiyaa dhiyeessii deeggarsa namoomaa naannoo Tigraay ariifachiisuuf dabarse kan dinqisiifatamuu fi fudhatama qabu ta’uu biyyoonni garaagaraa ibsaniiru.

Awustaraaliyaan mootummaan Ityoophiyaa lammiilee naannoo Tigraayitti deeggarsa namoomaa barbaadaniif deeggarsi namoomaa barbaachisaan akka ga’uuf walitti bu’iinsa dhaabuuf murteessuu isaa kan deeggartu ta’uu beeksisteetti.

Lammiilee deeggarsa barbaadaniif deebii ariifachiisaa laachuuf qaamoleen lameen itti gaafatamummaa isaanii ba’achuu akka qaban waamicha dhiyeessiteetti.

Bifuma walfakkaatuun mootummaan Ityoophiyaa namoomaaf jecha murtoon nageenyaa dabarse tarkaanfii fudhatama qabu ta’uu Siwiidiin ibsiteetti.

Murtochi galma akka ga’uuf qaamoleen hundi itti gaafatamummaa isaanii haalaan ba’achuu akka qaban yaadachiisteetti.

Lammiilee Ityoophiyaa haala rakkisaa keessa jiraniif deeggarsi taasiftu cimee kan itti fufu ta’uu ibsuu ragaan Ityoophiyaatti Imbaasii Siwiidiin irraa argame ni mul’isa.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment