Murtoon Mana Maree Mirgoota Namoomaa DhMG Ityoophiyaatti hojiirra hin ooluu-Ambaasaaddar Reedwaan

Finfinnee, Muddee 12, 2014 (FBC)- Ministirri deetaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Reedwaan Huseen ambaasaaddarootaa fi dippiloomaatoota Awurooppaa, Ameerikaa, Isiiyaa fi biyyoota giddugala bahaa waliin haala waqtaawaa biyyaarratti mari’ataniiru.

Mari isaaniitin Ambaasaaddar Reedwaan murtoon Mana Maree Mirgoota Namoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Ityoophiyaatti hojiirra hin ooluu jedhaniiru.

Fedhii siyaasa bu’ureeffachuun dhiyeenya murtoon Mana Maricharraa darbee Ityoophiyaan akka hin fudhannee ibsaniiru.
Ityoophiyaan dhiibbaa mirga namoomaa qorachuun sirreeffamaa fudhachuuf dandeetti ga’aarra akka jirtu eeraniiru.

Manni Maree Mirgoota Namoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii fi Komishinii mirga namooma Ityoophiyaa waliin qorannoo taasisaniin yaadota dhiyaatan hojiirra oolchuuf Ityoophiyaan wayita sochii taasisaa jirtuutti ta’uu Ambaasaaddarichi ibsaniiru.

Manni Marichaa gareen shororkeessaa ABUT bakkeewwan weeraree ture naannolee Amaaraa fi Affaaritti badii inni mirga dhala namaa fi meeshaaleerratti raawwatee balaaleeffachuun qorannoon gaggeesaa jedhee ergaa osoo dabarsee waan gaarii fi kan isa galateeffachiisuu ture jedhaniiru.

ABUT deeggarsi namoomaa akka hin dhiyaannee gufuu yeroo ta’uu akka dhageenyeetti hawaasni idil addunyaa caldhisee darbuu isaa ibsuudhaan, gama mootummaatin garuu deeggarsi namoomaa akkataa barbadameen akka qaqqabuu waan danda’uu hunda taasisuu himaniiru.

Yeroo itti aanuutti Ityoophiyaatti nageenya waaraa buusuuf qaamni dhimmi biyyaa na ilaallataa jedhuu kanarratti hirmaatuu fooyya’insaa heeraa mootummaa dabalatee dhimmoota waliigalteen hin taasifamneerratti mariif banaa taasisuu ibsaniiru.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment