Murtoo mootummaan walitti bu’iinsa dhaabuuf murteesse hawaasa idil Addunyaa biratti haala gaariin ilaalamaa jira-TKM

Finfinnee, Bitootessa 17, 2014 (FBC) – Murtoo mootummaan naannoo Tigraayitti lammiilee deeggarsa namoomaa barbaadaniif deeggarsa ariifachiisuuf jecha walitti bu’iinsa dhaabuuf murteesse hawaasa idil Addunyaa biratti haala gaariin ilaalamaa jiraachuu Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa ibse.

Ministir Deetaan Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Salaamaawit Kaasaan ibsa guyyaa har’aa laataniin biyyoonni garaagaraa  murtoo mootummaan dhiyeessii deeggarsa namoomaa ariifachiisuuf jecha walitti bu’iinsa dhaabuuf dabarse haala gaariin ilaaluu ibsaniiru.

Murtoo mootummaan dabarse kun kutannoo qaama biraa kan gaafatu ta’uu kaasaniiru.

Murtochi gara hojiitti akka jijjiiramuuf mootummaan kutannoo qabachuu mirkaneessaniiru.

Lammiilee sababa waraanaan miidhaan irra ga’e deeggaruuf tattaaffii cimaan taasifamaa jiraachuu kaasuun deeggarsa dabalataaf qophiin taasifamaa jiraachuu himaniiru.

Deeggarsichi mootummaa qofaan uwwifamu waan hin danda’amneef dhaabbileen idil addunyaa fi Ityoophiyaanonni hundi deeggarsa akka taasisan gaafataniiru.

Sababa waraanaan naannoo Amaaraarra qofa lammiilee miiliyoonni 1.4 buqqa’anii turuu ibsuun kanneen keessaa lammiilee miiliyoonni 1.2 gara qe’eesaaniitti deebisuun danda’amuu addeessaniiru.

Naannichatti lammiileen miiliyoonni 11 wabiin nyaataa isaanii kan hin mirkanoofne ta’uu fi deeggarsa hundaa kan barbaadu ta’uu kaasaniiru.

Bifuma walfakkaatuun naannoo Afaaritti lammiilee miiliyoonni 1.3 buqqa’uu fi deeggarsi taasifamu cimee itti fufuu ibsaniiru.

Naannolee hongeen miidhaman naannoo Oromiyaa godinaalee Boranaa fi Baalee Bahaatti akkasumas godinaalee naannoo Somaaleetti deeggarsa nyaataa fi bishaanii dhiyeessuuf hojjetamaa jiraachuu himaniiru.

Yaa’ii 1ffaa Paartii Badhaadhinaa hordofee marii uummataa guutuu biyyattiitti gaggeeffamerratti uummanni dammaqinaan hirmaachuu fi milkaa’aa ta’uu ibsa isaaniin kaasaniiru.

Tattaaffii wixineen seeraa HR6600 akka hin raggaaneef taasifamu cimee akka itti fufu gaafataniiru.

Habtaamuu Taklasillaaseetu gabaase.

Ityoophiyaa :-  Haa Misoomsinu,  Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment