Finfinnee, Onkololeessa 5, 2014 (FBC)- Murtoo Gamtaan Awurooppaa dhiyeenya kana Ityoophiyaa irratti dabarse madaala kan hin eegnee fi fudhatama hin qabne ta’uu Itti aanaan
Muummee Ministeeraa fi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Mokonnin ibsaniiru.
Obbo Dammaqaan kana kan jedhan wayita Ministira Ministeera Alaa Isloovaaniyaa waliin bilbilaan mari’atanitti.
Marichaan haala yeroo kaaba Ityoophiyaa fi deeggarsa namoomaa mootummaan Ityoophiyaan naannoo Tigraayiif taasisaa jiru irratti Obbo Dammaqaan ibsa taasisaniiru.
Dabalataanis haleellaa garee shororkeessaa ABUTiin naannolee Amaaraa fi Afaaritti lubbuun lammiilee nagaa baduu fi jireenyi isaanii jeeqamuu addeessaniiru.
Gareen kun konkolaataawwan fe’umsaa deeggarsa namoomaa geessuuf naannicha galan 20 ol kaayyoo loltummaaf itti gargaaramaa jiraachuus ibsaniiru.
Sababa mootummaan Ityoophiyaa hojjettoota dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii 7 biyya gadi lakkisanii akka bahan taasiserratti ibsa taasisaniiru.
Murtoon Paarlaamaa Gamtaa Awurooppaatin dhiyeenya kana Ityoophiyaarratti darbe dhugaa qabatamaa kan hin bu’uureffannee fi madaala hin eegne waan ta’eef fudhatamummaa kan hin qabne ta’uu ibsaniiru.
Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Isloovaaniyaa Anzee Luugaar gama isaaniitiin, biyyi isaanii yerichatti hooggantuu komishinii gamtichaa ta’uu isheetiin haala mirga namoomaa Ityoophiyaa fi walitti bu’iinsi adeemsifamaa jiru kan isaan yaaddessu ta’uu ibsaniiru.
Dabalataanis Ityoophiyaan hojjettoota DhMG baasuun ishee sochii deeggarsa namoomaaf taasifamu irratti dhiibbaa akka hin uumne yaaddoo qaban kan ibsan ta’uu ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni muul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.