‘Murteen Manni Maree naannoo Tigraay filannoo gaggeessuuf dabarse heera mootummaa kan falleessuudha’-Obbo Nigusuu Xilahuun

 
Finfinnee, Waxabajjii 6, 2012 (FBC) – ‘Murteen Manni Maree naannoo Tigraay filannoo gaggeessuuf dabarse heera mootummaa kan falleessuu ta’uu itti gaafatamaan Seekreetaariyaat Preesii Waajjira Muummee Ministiraa Obbo Nigusuu Xilahuun ibsan.
 
Yaa ta’uutii mootummaan murtee Boordiin Filaannoo Biyyaalessaa dabarsu kabajuun ni raawwachiisa jedhan obbo Niguun.
Obbo Nigussun akka heera mootummaa keewwata 102tti aangoon filannoo raawwachiisuu kan kennamme Boordii Filaannoo Biyyaalessaaf waan ta’eef qaamni biroo dhimma kana keessa hin galu jedhan.
 
Mootummaan garuu murtee boordichi dabarse raawwachisuuf dirqama qaba jedhaniiru.
 
Murtee Boordiin Filannoo Biyyaalessaa dabarsu mootummaa dabalatee qaamni hund kabajuu akka qabu dubbataniiru.
 
Dhimma filannoo waliin walqabatu kamiiyyuu akkaataa heera mootummaan murtee dabarsuu aangoo kan qabu Boordii Filannoo Biyyaalessaa qofa ta’uu himaniiru.
 
Boordiin Filannoo demookraasii dhugaa dagaagsuuf walabaa fi bifa fooyyee qabuun kan ijaarrame waan ta’eef mootummaa federaalaas ta’e kan naannoo aangoo isaa gidduu hin galu jedhan.
 
Dhimma filannoo qaamni walabaa fi boordiin filannoo biyyaalessaa akkaataa heerri mootummaa aangoo kennuufin waan raawwatu ni beeka jedheen amana jedhaniiru.
 
Yeroo ammaatti xiyyeeffannoon mootummaa weerara vaayrasii koroonaa ittisuuu fi nageenya hawaasaa eegudha kan jedhan obbo Nigusuun, qormaata jiru ga’umsaan darbuuf hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.
 
Gufuu ijaarsa Hidhaa Haaroomsa Guddichaan walqabatee qunnamu ce’uun faayidaaf oolchuuf xiyyeeffannoo addaan hojjetamaa jiraachuus DhPI itti himaniiru.
 
 
Manni Maree mootummaa naannoo Tigraa Filannoo biyyaalessaa 6ffaa gaggeessuuf guyyaa kaleessaa murtee dabarsuun isaa kan yaadatamudha.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment