Finfinnee, Bitootessa 6, 2017 (FMC) – Murannoon Itiyoophiyaan guddattoota beekumsa kalaqaa fi teeknooloojiin ga’oomsuuf qabdu kan dinqisiifamu ta’uu Itiyoophiyaatti Embaasii Ameerikaa ibse.
Godaambaa Saayinsii dabalatee hojiin Itiyoophiyaan Guddattoota beekumsa Kalaqaa fi Teeknooloojiin ga’oomsuuf hojjetaa jirtu murannoo biyyattiin damicha guddisuuf qabdu kan agarsiisu ta’uu Embaasichatti Itti Aanaan Dhimmoota Aadaa Istiwaarti Deeviis himaniiru.
Ameerikaan naannolee Itiyoophiyaa garaagaraatti giddugalawwan 6tti leenjii kennaa jiraachuu himuun Magaalaa Hawaasatti giddugala dabalataa banuuf hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.
Lakkoofsi dargaggoota yeroo yeroon gara giddugaloota kanneenitti dhufaan dabalaa jiraachuu eeruu TOI gabaaseera.
#Oromia #Ethiopia