Mummeen Ministira Dooktar Abiy Ahimad jiraattoota Godina Oomoo Kibbaa waliin mari’atan

Finfinnee, Gurraandhala 29, 2012 (FBC) – Mummeen Ministira Dooktar Abiy Ahimad jiraattoota Godina Oomoo Kibbaa waliin magaalaa Jiinkaa mari’ataniiru.
 
Mummeen Ministira Dooktar Abiy magaalaa Jiinkaa wayita ga’anitti preezdaantiin naannichaa obbo Ristuu Yirdaawuu fi hoggaantoonni mootummaa olaanoon akkasumaas hawaasni naannichaa simaanna tasisaniirufi.
 
Dooktar Abiy Ahimad jiraattoota naannichaa istaadiyoommitti walga’aniif haasaa taasisaniiru.
 
Itti aansuun kutaalee hawaasaa garagaraa naannichaa walitti baba’an waliinis mari’ataniiru.
 
Ministirri Nageenyaa aadde Mufaariyaat Kaamil akkasumas hoggantoonni hojii mootummaa olaanoo federaalaa fi naannoo Dooktar Abiy waliin magaalaa Jiinkaa galaniiru.

 

 

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment