Mul’ata keenya dhugoomsuuf nageenyi murteessaadha–Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Onkololeessa 21, 2017 (FBC)- Mul’ata keenya dhugoomsuuf nageenyi murteessaadha jedhan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad ibsan.

Hojiilee Nageenya hojjetamaa jiran ilaalchisuun Dooktar Abiy Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataaf ibsa kennaniin ijaarsa sirna diimookiraasiif nagaan qabsaa’uun bu’aa olaanaa kan qabuudha jedhan.

Walitti bu’iinsarra filmaanni nageenyaa filatamaa fi isa bu’aa qabeessa kan jedhan Dooktar Abiy nageenyi misooma, hojii uumuuf, hunda caalaa nageenyaaf dursa kennina, Aadaa marii fi yaadan wal injifachuutu haalaan nu fayyada jedhaniiru.

Qaamlolee hidhannoon qabsaa’aniif irra deddeebiin waamicha dhiyeessaa turuu yaadachiisanii ammallee qaamolee hidhannoon naannolee Oromiyaa fi Amaaraa keessaa socho’an waliin mariin gaggeeffamaa jiraachuu eeraniiru.

Ammallee filmaanni nagaa, mariin furmaata ta’uu himanii qabsoowwan hidhannoo waggoottan darban gaggeeffamaa turan Itiyoophiyaa duubatti deebisuu kaasaniiru.

Shiftummaan humna, diinagdeen ammoo saayinsii barbaada waan ta’eef qabsoon yaada fooyya’aa hinqabne gatii hinqabu jedhaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment