Muddama Yuukreen tasgabbeessuf Raashiyan marii dabalataaf qophii ta’uu beekksiifte

Finfinnee, Gurraandhala 8, 2014 (FBC) – Muddama yeroo ammaa Yuukreen keessa jiru tasgabbeessuuf Raashiyaan marii dabalataaf qophii ta’uu beekksiifteerti.
Shaakkalli waraanaa Mooskoon taasiisaa turti kan yoo ta’u, kan hafes yeroo itti aanu xumura argata jedhame.
Preezdaantiin Raashiyaa Vilaadmiir Putiin Raashiyaan mariif qophii ta’uu eeraniiru.
Dhimmi Yuukreen Nageenya Raashiyaaf sodaa ta’uu isaan Mooskoon yaada nageenya ishee mirkaneessurratti marii taasiisuuf qophii ta’uu Putiin ibsaniiru jedhame.
Preezdaant Putiinii fi Ministirri Alaa biyyattii Sargee Laavroov deebii Ameerikaa fi NATO irraa kennamerratti marii taasiisaniin, dhimma Yuukreenirratti biyyoota lixaa waliin carraan walii galuu jira jechuu isaanii CGTN gabaaseera.
Ameerikaan sodaa waraanaa jiru hir’isuurratti yaadoota fooyya’aa dhiyeessuu fi deebiin Gamtaa Awurooppaa fi NATO garuu quubsaa kan hin taane ta’uu Sargee Laavroov Putiiniif ibsaniiru jedhame.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment