Moskoon liqii biyyoota Afrikaa Doolaara biiliyoona 23 haqxe

Finfinnee, Adoolessa 21, 2015 (FBC)- Mooskoon liqii biyyoota Afrikaa Doolaara biiliyoona 23 haquu Pireezidaantiin Raashiyaa Vilaadmiir Putiin beeksisan.

Yaa’ii dureewwan Raashiyaa-Afrikaa Magaalaa Peetisbargitti gaggeeffamaa jirurratti Pireezidaantiin Raashiyaa Vilaadmiir Putiin haasawaa taasisaniin, hariiroo Daldalaa fi diinagdee seenaa qabeessaa Afrikaa fi Rashiyaa gidduu jiru yaadachiisaniiru.

Waliigalaan liqii biyyoota Afrikaarraa Raashiyaan qabdu Doolaara biiliyoona 23 haquu eeraniiru.

Dabalataanis doolaaraa miiliyoona 90 misoomaa garaagaraaf ramaduu beeksisuu RT’n gabaaseera.

Raashiyaan biyyootaa guddachaa jiraniif baasii geejjibaa danda’uun midhaan bilisaan kan dhiyeessitu ta’uu ibsuun, biyyoonni akka Burkiina Faasoo, Zimbaabuwee, Maalii, Somaaliyaa, Rippaabilikii Afrikaa Giddugaleessaa fi Eertiraaf, midhaan toonii kuma 25 hanga kuma 50 kan dhiyeessitu ta’uu himaniiru.

Baatii Bitootessaa darbe aanga’oonni Raashiyaa, daldalli biyyootaa Afrikaa fi Raashiyaa gidduu guddachaa dhufuu eeruun, kunis adeemsa Naannawaa Daldala Walabaa Ardii Afrikaa hundeessuuf carraa dabalataa kan uumu ta’uu akeekaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment