Morookootti namoonni kirkirlaa lafaan du’an kuma 1 caale

Finfinnee, Qaammee 4, 2015 (FBC)- Morookootti balaa kirkira lafaa mudateen lakkoofsi namootaa lubbuun isaanii darbee kuma 1 dabruun gabaafame.

Balaan kirkira lafaa magniitiyuudii 6.8 galmeesse lubbuu namoota kuma 1 fi 37 yoo darbu namoota kuma 1 fi 200rra miidhaan madaa’uu qaqqabuu Ministeerri Dhimma Biyya keessaa biyyattii ibsuu BBC’n gabaaseera.

Balaan kirkira lafaa inni jalqabaa erga mudatee boodas kirirrii lafaa biraan magniitiyuudii 4.9 ta’e mudachuun miidhaa qaqqabsiisuunis iibsameera.

Balaan kun baay’inaan magaalaa Maaraakeesh irraa kallattii kibbaan kiilomeetira 71 irratti kan argamtu naannawaa gaara Atilaas jedhamuu mudachuun eerameera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment