Morookootti lakkoofsi namoota kirkira lafaan du’anii kuma 2 caale

Finfinnee, Qaammee 5, 2015 (FBC)- Morookootti balaa kirkira lafaa mudateen lakkoofsi namoota lubbuun darbanii kuma 2 dabruun gabaafame.

Balaan kirkira lafaa magniitiyuudii 6.8 galmeesseen lubbuun namoota kuma 2 ol yoo darbu, namoota kuma 1 fi 400 irra miidhaan madaa’uu qaqqabuu Ministeerri Dhimma Biyya keessaa biyyattii ibsuu BBC’n gabaaseera.

Balaan kirkira lafaa inni jalqabaa erga mudatee boodas kirirrii lafaa biraan magniitiyuudii 4.9 ta’e mudachuun miidhaa qaqqabsiisuunis ibsameera.

Balaan kun baay’inaan magaalaa Maaraakeesh irraa kallattii kibbaan kiilomeetira 71 irratti kan argamtu naannawaa gaara Atilaas jedhamuu mudachuun eerameera.

Mootiin 6ffaan biyyattii balaa mudate hordofee guyyoota 3ffaa guyyaa gaddaa labsaniiru.

Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii tattaaffii lammiilee miidhaman tumsuuf taasiifamu deeggaruuf qophii ta’uu ibseera.

Biyyoonni garaagaraa deeggarsa barbaachisu taasiisuuf qophummaa qaban ibsaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment