Mormiin Ummataa Keeniyaa mudate akka tasgabbaa’u Gamtaan Afrikaa waamicha dhiyeesse

Finfinnee, Waxabajjii 19, 2016 (FBC) – Seera Farra Faayinaansii Mootummaan Keeniyaa raggaasise hordofee biyyattiitti mormiin ummataa cimaan mudate akka tasgabbaa’u Dura Taa’aan Gamtaa Afrikaa Muusaa Faakiii Mahaammat waamicha dhiyeessaniiru.

Mormiin ummataa Keeniyaa mudate gamticha daraan yaaddessuu eeruun, Gamtaan Afrikaa taaticha hordofaa jiraachuu dubbataniiru.

Mormii Ummataa kanaan lubbuun namaa darbuu fi qabeenyi hedduun barbadaa’uu Muusaa Faakiin himaniiru.

Rakkoo mudate karaa nagaan hiikuuf qaamoleen dhimmi ilaallatu gadi taa’anii akka mari’atan yaadachiisaniiru.

Nageenyaa fi tasgabbii biyyattii eegsiisuuf hokkara caalaa mariin furuun murteessaa ta’uu hubachiisaniiru.

Hokkaraa fi mormii ummataa Keeniyaatti mudateen lubbuu namaa darbee fi qabeenya barbadaa’eef gaddi itti dhaga’amuu Barreessaa Olaanaan Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Antooniyoo Guutareez ibsaniiru.

Seera ragga’e hordofee Keeniyaatti mormiin ummataa gaggeeffamaa tureera.

Pireezidaantin duraanii Keeniyaa Uhuuruu Keeniyaatan gaggeessitoonni tasgabbaa’anii ummata akka dhaggeeffatan waamicha dhiyeessan.

Hiriira mormii cimaa biyyattii keessatti gaggeeffama jjiru tasgaggeessuuf gaggeessitoonni gaaffii uummataa dhaggeeffachuu akka qaban hubachiisaniiru.

“Uummata dhaggeeffachuun filannoo osoo hin taane dirqama heera keenyan kennamefi bu’uura falaasamaafi dimokiraasiti,” jedhan.

Gaggeesitoonni uummata waliin mari’achuun rakkicha furuu akka qaban waamicha taasisuu BBC fi The Star gabaasaniiru.

Mormichaan Geejjiba dabalatee Dhaabbileen Biiznasii kan cufaman yoo ta’u, tarkaanfii Poolisiin fudhateen lubbuun namoota hedduu darbuu ibsameera.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment