Mormiin lammiilee Sudaan itti fufuu ibsame

Finfinnee, Gurraandhala 22, 2014 (FBC) – Mormiin Lammiileen Sudaan mootummaa waraanaa biyyattiirratti gaggeessan cimee itti fufuu ibsame.

Fonqolcha mootummaa bara darbe gaggeeffame mormuuf lammiileen Sudaan Kumaatamatti lakkaa’aman magaalaa Kaartuum masaraa mootummaa fuulduratti ba’uun dhaadannoo mormii osoo dhageessisaa jiranii namni tokko rasaasaan dha’amee lubbuun darbuu ogeeyyiin fayyaa ibsaniiru.

Jeneraal Abdulfattaah Al Burhaan onkoloolessa 25,2021 fonqolcha mootummaa gaggeessaniin gara aangootti erga dhufanii booda hiriira nagaarratti lubbuun lammiilee nagaa 84 darbuu gareen ogeeyyii fayyaa walaba ta’e beeksiseera.

Tarkaanfiiwwan anga’oonni mootummaa sudaan lammiilee nagaa hiriira ba’anirratti fudhatan kan isaan yaaddesse ta’uu Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti ogeessa mirga namoomaa kan ta’an Adaamaa Diing wayita gara sudaan imalanii turanitti ibsaniiru.

Dhaabbatni Mootummoota Gamtoomanis dhimmi falmattootaa kan isa yaaddessu ta’uu fi dhimmichi haala kanaan kan itti fufu yoo ta’e rakkoolee dabalataa fiduu akka malu yaaddoo qabu eereera.

Fonqolchi mootummaa Sudaan sadarkaa idil addunyaatti balaaleffannaan isa mudachuu fi hariiroon dippiloomaasii biyyattii akka qabbanaa’uuf sababa ta’uu gabaafameera.

Maddi:- Africa News

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment