Morkii kubbaa miilaa waraana fakkaatu tapha Eelkilaasikoo 250ffaa

Finfinnee, Onkololeessa 6, 2015 (FBC)- Tapha Laaligaa Ispeen torbee 9ffaan Riyaal Maadiridii fi Baarseloonaan ijibbaata kubbaa miilaa Eelkilaasikoon walkeessummeessu.

Tapha hawwattummaan isaa addunyaa kubbaa miilaa booji’uu Eelkilaasikoon kilabootni lameen Laaligaa qofaan yeroo 250ffaaf wal morkatu.

Tapha Kooppaa Dilaaree fi kanneen biroo dabalatee garuu yeroo 283 walarganiiru.

Tapha Laaligaa Ispeen bara kanaan kilabootni lamaanuu Riyaal Maadiridis tahe Baarseloonaan hininjifatamne.

Galchiin walcaalanii gabatee liigichaa sadarkaa 1ffaa fi 2ffaarratti argamu.

Tapha Eelkilaasikoo har’aa abbaan injifate ofitti amanamummaan gabatee liigichaa dursuu itti fufa.

Eelkilaasikoo 250ffaan har’a dirree Riyaal Maadirid Saantiyaagoo Beernaabootti sa’a 11:15tti eegala.

Iddoosaa Abdiitu gabaase

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment