Moozaambiik yeroo jalqabaaf gaazii Uumamaa Biriitaaniyaatti ergite

Finfinnee, Sadaasa 5, 2015 (FBC) – Moozaambiik yeroo jalqabaaf Gaazii Uumamaa Biriitaaniyaatti erguu himame.

Moozaambiik har’a yeroo jalqabaaf Gaazii uumamaa alatti arguun seenaa addunyaa keessatti galmaa’uu ishee Pireezidaantiin biyyattii Filiippee Naayuusiin ibsa gaazexeessitootaaf laataniin himaniiru.

Dhaabbanni Gaazii uumamaa qulqulleessu Moozaambiik dhaabbata Xaaliyaanii ‘Eenii’ jedhamuun kan geggeeffamu yoo ta’u, gaaffiin dhiyeessii gaazii uumamaa Biriteen irraa dhiyaachuu eerameera.

Moozaambiikis har’a yeroo jalqabaaf Gaazii Uumamaa Biriitaaniyaatti erguu jalqabuu RT gabaaseera.

Biyyattiin karaa Kibba Gammoojjii Sahaaraan kuufama gaazii uumamaa olaanaa qabaachuutu himama.

Iddoolee kanneenittis kuufamni Gaazii Uumamaa meetir Kiiyuubiikii Tiriiliyoona 2.8 ta’utu argame jedhame.

Moozaambiik biyyoota Afrikaa Gaazii uumamaa Oomishaanii fi ergan keessaa Aljeeriyaa fi Naayijeeriyaatti aantee sadarkaa 3ffaarra taa’uu dandeessi jedhameera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment