Mootuummaan Ityoophiyaafi Jibuutii damee Daandiif loojistiksiin waliin hojjachuuf walii galan

Finfinnee, Guraandhala 26, 2015 (FBC) –Jilli Ministira Ministeera Geejjibaaf Loojistiksii Dooktar Alamuu Simeen durfamu daawwannaa hojiif jibuuti galeera.

Seenaa waloo bara dheeraa kan qaban biyyoonni lamaan hariiroo isaanii caalmaatti cimsachuun gama maraan waliin hojjachuu itti fufu jedhan Dooktar Alamuu Simeen.

Hariiroon biyyoota lameenii fakkeenyummaa biyyoota naannawichaa haala ta’uu danda’uun itti fufuu qabas jedhaniiru.

Walii galteen irra gahamus haa ta’u hariiroon jiru Kan mootummoota biyyoota lameeniirratti qofa kan hundaa’e mitis jedhaniiru.

Walitti hidhamiinsi gama aadaa afaanii fi seenaa uummata biyyoota lamaanii waan ta’eef Ministeerri Geejjibaaf Loojistiksii bu’uuraalee misoomaa kanneen akka daandiirratti waliin hojjachuudhaan faayidaa waloof hojjachuun hariiroo keenya cimsachuu qabna jedhaniiru.

Keessattuu sochii al ergii fi meeshaalee alaa galanirratti caalmaatti sadarkaa fayyadamuu danda’amuun ni hojjatamas jedhaniiru.

Ministirri ministeera Bu’uuraalee misoomaa fi meeshaalee Jibuutii Hasan Humad Ibraahim gama isaanii hariiroon dur jiru cimee itti fufuu qaba jedhaniiru.

Mootummaan Jibuutii mootummaa Ityoophiyaa waliin gama maraan hojjachuudhaaf qophii ta’uu kaasaniiru.

Addis Taammiraatiitu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment