Mootummoonni naannoollee ergaa baga kabaja ayyaana Adwaan isin ga’ee dabarsan

Finfinnee, Gurraandhala 22, 2012 (FBC) – Mootummoonni naannoolee, bulchiinsi magaalaa Finfinnee fi dhaabbileen federaalaa ergaa baga kabaja ayyaana Adwaan isin ga’ee dabarsaniiru.
 
Mootummaan naannoo Oromiyaa ibsa baaseen, Injifannoon Adwaa injifannoo waloo ummattoota biyyattiiti jedha.
 
Adwaan dirree injifannoo gurraachootni warra adii itti qaanessanii fi seenaan yoomuu hin dagatamne kan itti galmaa’e jedhe ibsa isaan.
 
Injifannoon Adwaa kan gootummaa fi onneen Oromoon birmadummaa biyya kana tiksuu, eeguu fi itti-fufsiisuu keessatti taasise itti muul’ateedha.
 
Mootummaan naannoo Amaaraa gama isaan kabaja ayyaana Adwaa waggaa 124ffaa sababeeffachuun ergaa baga ittiin isin ga’ee dabarseera.
 
Injifannoon Adwaa gurraachi injifataa ta’uu kan itti mirkanaa’ee fi barameedha jedhe ibsa baaseen.
 
Ityoophiyaan mallattoo injifannoo akka taatu kan godheedha jedha ibsi naannichi ayyaannicha ilaalchisee baase.
 
Bulchiinsi magaalaa Finfinnees waggoota 124 dura biyyi dukkanaa fi doofummaa keessa akka jirtutti ilaallmaa ture injifannoo Adwaan biyya jabduu ta’uu ishee kan itti muul’atee jedha.
 
Tokkummaa, jaalalaa fi gootummaan moo’achuun akka danda’amu injifannoo seenaa kaa’ee darbeedha jedha ibsi bulchiinsi magaalichaa baase.
 
Ammas onnee, tokkummaa, jaalalaa fi gootummaa abbootii keenyaarra dhaalleen injifannoo caalmaaf waliin yaa hojjennu ergaa jedhu dabarseera.
 
 
Ministeerri Dhimma Alaa FDRI ummata biyyattii maraan baga ayyaana yaadannoo Adwaa waggaa 124ffaan isin ga’e jedheera.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment