Mootummaan yeroo mara dhimma kamuu karaa nagaan furuuf qophiidha-Obbo Tasfaayee Beeljigee

Finfinnee, Sadaasa 7, 2016 (FBC)-Mootummaan yeroo mara dhimma kamuu karaa nagaan furuuf qophii ta’uu Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataatti Ministirri Waamamaa Olaanaa Mootummaa Obbo Tasfaayee Beeljigeen ibsan.

Miseensonni Mana Maree Bakka Bu’oota ummataa hojiilee bakka bu’iinsa hojjetan ilaalchisuun bakka bu’oota naannolee fi bulchiinsa magaalaotaa hundaa, waamamtoota mootummaa, bakka bu’oota Waajjiira Ministira Muummee akkasumas hoggantoonnii fi ogeeyyiin mana marichaa bakka argamanitti qorannoon gaggeeffameera.

Waltajjicharratti Obbo Tasfaayee Beeljigeen, qaamni gaaffii qabu karaa nagaan gaaffii dhiyeessuun mariin furuuf mootummaan fedhii qaba jedhan.

Kanaan alaa humna fayyadamuu, ajjeessuu fi saamuu, qabeenyaa mancaasuu fi barbadeessuu, daandii cufuun humnoonni fedhii isaanii milkeessuuf socho’an, filmaata nageenyaa qofa furmaata taasifachuun akka socho’an dhiibbaa uumuu akka qaban hubachiisaniiru.

Gama raawwii pirojektootaan pirojektiin kamiyyuu eegalamee hanga xumuramutti kallattii xiyyeeffannoo mootummaa ta’uu himaniiru.

Rakkooleen pirojektoota jijjiiramaan dura eegalamanii duubatti hafan akkasumas pirojektoota haaraa bocamaan haala xumuruun danda’amu uumamuu ibsaniiru.

Miseensonni mana marichaa hawaasa isaan filate waliin kallattiin kan quunnaman ta’uun gaaffilee hawaasummaa, diinagdee fi siyaasaa hawaasa isaan filatee xiyyeeffannaa kennuun hojjetamaa jiraachuu akeekaniiru.

Bu’uura heera mootummaan miseensonni mana maree hawaasa isaan filate waliin waggaatti si’a lama kan mari’atan ta’uu yaadachiisaniiru.

Itti gaafatama kanas sababa quubsaa malee miseensota hinbahannee itti gaafatamtootaa taasisuun akka barbaachisu Obbo Tasfaayeen dubbachuu ragaan Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment