Mootummaan, yaadaafi karoora haaraan ummata isa ceessisuuf bara haaraatti waan haaraa qabatee as baha -Aadde Sa’aadaa Abdurrahmaan

Finfinnee, Qaammee 5, 2016 (FBC) – Af Yaa’iin Caffee Oromiyaa Sa’aadaa Abdurrahmaan bara haaraa sababeeffachuun ergaa baga geessanii dabarsaniiru.

Baga Bacaqii Gannaa Ofkaltanii Booqaa Birraa nagaan geessan jedhan.

Mootummaan, yaadaafi karoora haaraan ummata isa ceessisuuf bara haaraatti waan haaraa qabatee as baha. Wayita kana, abdiin keenyas lalisee akka ililii birraa daraaree firii isaa hawwiin eeggata jedhan .

Guutuun ergaa isaanii haala armaan gadiin dhiyaatera.

Ummanni Oromoo, akkasumas, Ummattoonni Itoophiyaa hundi bacaqii gannaa ofkaltanii booqaa birraa arguuf Jala Bultii Bara Haaraa 2017 Baga Nagaan Geessan; Waliin Nu Gahe!.

Uumamni dabareen waljijjiiraa birraa waggaan maree dhufu arguuf hawwiin eeggata. Qaammeen waktii jijjiirraa gannaas, dabaree ishee eeggattee birraa goobanee as adeemu simachuuf dirqamti. Keelloon daraartee dacheetti miidhagina addaa uwwistus waggaatti yeroo tokko mul’achuun barii birraa weeddisti.

Roobni gannaa qooree, malkaanis taliila. Uumamni magariisaan badhaate, abaaboon dabaaltee miidhagina addaa dacheetti horti. Barataan wallalummaa dhabamsiisuuf birraa barii obsaafi abdiin eegaa ture argata. Barsiisaan yaadaafi qorqalbii haaraan beekumsaan dhaloota jijjiiruuf qophaa’ee eeggata.

Qonnaan bulaanis, bu’aa dadhabbiifi dafqa isaa ganna gurraacha dabarse yaadachaa, daraaraa miidhaniifi oyiruu barakaa baattee as adeemtu ijaan ilaalaa quufa leellisa. Daldalaanis, abdii milkaa’ina egeree isaaf qabu of fuulduratti ilaalaa bara haaraa simata.

Mootummaan, yaadaafi karoora haaraan ummata isa ceessisuuf bara haaraatti waan haaraa qabatee as baha. Wayita kana, abdiin keenyas lalisee akka ililii birraa daraaree firii isaa hawwiin eeggata.

Ummata keenyaaf, guyyoonni waggaa haaraa kana keessatti argaman hundinuu qabeenya guddaa jijjiirama barbaannu gama hundaan ittiin galmeessinudha. Guddina hawwinu bira gahuuf, dadhabuun, carraaqqachuun, qormaatilee adeemsa raawwii hojii keessatti nu mudatan injifachuun mul’ata qabanne biraan nu gaha.

Barri haaraan kun, bara itti ofiifi maatii keenya jijjiirru, darbees, naannoofi biyya keenya ceessisuuf akka lammii tokkootti kutannoofi xiiqiin hojjennudha.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa, jiruufi jireenya ummata naannichaa bu’uura irraa jijjiiruuf halkaniif guyyaa xiiqeffatee hojjechuu irratti argama. Nagaafi tasgabbii naannoo keenyaa mirkaneessuun misooma keenya waaressuuf xiyyeeffannoo addaa kennee hojjechaa jira. Guddinaafi galmoota misoomaa walgitiinsa qaban diriirsuun diinagdee naannoo keenyaa utubuuf xiyyeeffannoo addaan hijjechaa jira. Kanaaf, lammiin hundinuu bakka jirutti jijjiirama bu’uuraa fiduuf miira jijjiiramaan hojjechuun dirqama isaa bahachuu qaba.

Mootummaan, fedhii misoomaa ummataa hubatee, bulchiinsa gaariifi nagaa hawaasaa waaressuuf, tajaajila si’ataafi haqa qabeessa ta’e hawaasatti gadi buusuun gurmaa’iinsaafi hojimaata haaraa diriirsee jira. Hanqina kenna tajaajilaan ummanni keenya mootummaa ofiin hundeeffateen furmaata akka argatuuf deddeebisee gaaffii gaafachaa ture, hundeerraa furuun jijjiirama qabatamaa fiduuf hojii seena qabeessa ta’e hojjechuu irratti argama.

Kanaaf, bara dabarsine keessatti hojiiwwan gurguddoo dameewwan hunda irratti itti milkoofne qabannee, muuxannoowwan milkaa’ina keenyarraa argaman qindeessuun badhaadhina ummata keenyaa roga maraan mirkaneessuuf carraawwan misoomaa jiran hundatti fayyadamuun kan hojjetamu ta’a. Galma gahiinsa karoora bara 2017f ammoo, hirmaannaafi qooda fudhannaan ummata keenyaa iddoo olaanaa qaba.

Caffeen Oromiyaas, waggoottan sadeen dabarse keessatti aantummaa ummata isaaf qabu gochaan mirkaneessuuf waadaa gale kabajee raawwachaa tureera. Waggoottan lamaan Bara Hojii Caffichaa hafan keessattis, milkaa’ina marii biyyaalessaaf gahee isaa kan bahatu, murtiiwwan fayyadamummaa ummata naannoo keenyaa mirkaneessan raawwachuun fedhiifi faayidaa ummata keenyaa dhugoomsuuf kan hojjetu ta’a. Milkaa’ina hojii kanaafis, riifoormiiwwan adda addaa taasisuun hojiirra oolchaa kan dhufe yommuu ta’u, qajeeltoo Heera Fooyya’aa Naannichaa hordofee mootummaa cimaa sadarkaa Gandaatti ijaaramaa jiru karaa utubuun gurmaa’insi Mana Maree Gandaa taasifamus, humna jijjiiramaa qaamolee mootummaa utubuu danda’u akka ta’uuf kan hojjetu ta’a.

Badhaadhina hunda galeessa gama hawaasummaan, diinagdeefi siyaasaan qabanne dhugoomsuuf, gamtaan hojjennee EGEREE biyya keenyaa dhaloota milkeessuu danda’u rabbiin nu haa taasisu jechaa, irra deebi’uun ummata naannoo keenya hundaan baga jala bultii bara haaraa 2017n isin gahe jechaa barri haaraan dhufu kan nagaa, gammachuu, milkaa’inaafi badhaadhinaa hunda keenyaaf akka ta’u hawwiin qabu ibsa.

Sa’aadaa Abdurrahmaan

Afyaa’ii Caffee Oromiyaa

Qaammee 05 Bara 2016

Finfinnee

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment