Mootummaan warshaalee Zayitaa Faabeellaa fi Shaamuuf liqii Doolaara miilyoona 44 dhiyeessuufi

Finfinnee, Bitootessa 10, 2013 (FBC) – Mootummaan warshaalee Zayitaa Faabeellaa fi Shaamuuf liqii Doolaara miiliyoona 44 dhiyeessuuf ta’uu ibsameera.
Jilli Ministeera Daldalaa fi Indaastirii obbo Malaakuu Allebaliin durfamu warshaa Zayita Shamuu Guruup daawwateera.
Warshaan Shamuu oomishaalee qulqullina mana keessaa dabalatee guyyaatti Zayita Toonii 950 oomishuun biyya keessatti raabsaa jiraachuu ibsameera.
Warshaaleen kunneen rakkoolee adeemsa oomishaa keessatti isaan muudatuu fi hanqina baajataa qaban furuuf mootummaan liqii Doolaara miiliyoona 44 dhiyeessuuf murtaa’uu obbo Malakuun dubbataniiru.
Iyyuunaadaab Anduu’alemtu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment