Mootummaan waldhabdee kaabaa karaa nagaan furuuf tattaaffii eegalame cimsee itti fufeera – TKM

Finfinnee, Amajjii 10, 2015 (FBC) – Mootummaan waldhabdee kaaba biyyatiitti uumamee ture karaa nagaan furuuf tattaaffii eegalame cimsee itti fufuu Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa ibseera.

Naannawaa sababa waraanaan miidhaman deebisanii dhaabuuf deeggartoota idil addunyaa waliin qindoominaan hojjetamaa jiraachuu Ministirri Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Dooktar Laggasee Tulluu ibsa laataniin himaniiru.

Tajaajiloonni Bu’uuraa kanneen akka tajaajila Fayyaa, Baankii, Teelee Koomii, Elektirikaa fi Bishaan hanga humni danda’een suphaawwan barbaachisan taasiisuun hojii eegaluu isaanii ibsaniiru.
Akkaataa bu’ura waliigalteen mootummaan rakkoo kaabaa furuuf hojiilee gurguddoo hojjetaa jiraachuu dubbataniiru.

Indaastiriiwwan oomishaa saffisaan gara hojiitti akka deebi’an mootummaan xiyyeeffannoo addaan hojjetaa jiraachuu himaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment