Mootummaan vaayrasii koroonaa ittisuuf abbootii qabeenyaa Hooteelaa fi Turiizimii waliin hojjechaa jira

Finfinnee, Bitootessa 16, 2012 (FBC) – Mootummaan vaayrasii koroonaa ittisuuf abbootii qabeenyaa Hooteelaa fi Turiizimiirratti bobba’an waliin hojjechaa jiraachuu ibsame.
 
Hogganoonni Ministeera Maallaqaa fi Ministeera Aadaa fi Tuuriiziimii abbootii qabeenyaa Hooteelaa fi Turiizimiirratti bobba’an waliin haala tatamsa’ina vaayrasii koroonaan ittisuun danda’amurratti mari’ataniiru.
 
Marii kanarratti Ministirri Ministeera Aadaa fi Turiizimii Dooktar Hiiruut Kaasaa, Ministirri Ministeera Maallaqaa obbo Ahimad Shiidee fi hoggantoonni biroo argamaniiru.
 
Mootummaan vaayrasii koroonaa ittisuuf qaamoolee dhimmi ilaalu waliin xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu marii kanarratti ka’eera.
 
Miidhaa weerarri vaayrasii koroonaa diinagdeerratti qaqqabsiisaa jiru keessaa dameen Hooteelaa isa tokko ta’uu ibsameera.
Comments (0)
Add Comment