Mootummaan Turki duula olaantummaa seeraa mootummaan Ityoophiyaa naannoo Tigiraayitti gaggeessa jiru akka gargaaru ibse

Finfinnee, Sadaasa 6, 2013 (FBC) – Mootummaan Turki duula olaantummaa seeraa mootummaan Ityoophiyaa naannoo Tigiraayitti gaggeessa jiru akka gargaaru Ministirri Dhimmaa Alaa biyyatti Meeviluut Kaavuusoogiluu ibsan.

Itti Aanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Dhimma Alaa obbo Dammaqaa Mokonnin Ministira Dhimma Ala Turki Meeviluut Kaavuusoogiluu waliin haala duula olantummaa seeraa kabachiisurratti bilbilaan mari’ataniiru.

Marii isaaniin obbo Dammaqaan gochaa garee badii ABUT Raayyaa Ittisa Biyyaa ajaja Kaabaa raawwate ibsaniiru.

Mootummaan garee yakkamaa murtiitti dhiyeessuf hojjechaa akka jiruu fi naannichaatti olaantummaa seeraa mirkaneessuuf hojjechaa jiraachuu eeraniiru

Ministirri Dhimma Ala Turki Meeviluut Kaavuusoogiluu Mootummaan Turki mootummaan Ityoophiyaa duula olaantummaa seeraa naannoo Tigiraayitti gaggeessa jiru akka gargaaru himaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa

Comments (0)
Add Comment