Mootummaan tokkummaan Sabdaneessummaa akka cimuuf ijaarsa seenessii waloof kutannoon hojjechaa jira-Dooktar Laggaasaa Tulluu

Finfinnee, Ebla 15, 2016 (FBC)- Mootummaan tokkummaan sabdaneessummaa akka cimuuf ijaarsa seenessii waloof kutannoon hojjechaa jiraachuu Ministirri Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Dooktar Laggaasaa Tulluun ibsan.

Dooktar Laggaasaa Tulluun akka ibsanitti, rakkoolee baroota dheeraaf turan furuuf mootummaan riifoormiiwwan hedduu taasisaa jira.

Garaagarummaan siyaasaa mariin akka furaman; miidhaawwan ga’an araaraan akka furaman, gara haqaatti ce’uufis imaammanni ce’umsa haqaa ragga’uu kaasaniiru.

Dhimmoota biyyaalessaa bu’uura ta’an irratti waliigaltee biyyaalessaa uumuuf ajandaalee ummataarratti mari’achuun furmaata dhiyeessuuf qophii marii biyyaalessaa hojiileen gaggeeffaman xumuramaa jiraachuu eeraniiru.

Mootummaan tokkummaan sabdaneessummaa akka cimuuf xiyyeeffannaa addaa kennuu eeranii, walitti hidhamiinsa hawaasummaa, diinagdee fi siyaasaa cimsuun murteessaa ta’uu hubachiisan.

Tokkummaa Itiyoophiyaa bu’uuressuu fi waliin jireenyaa ummatootaa baroota dheeraaf ture bu’uura cimsuuf seenessiin waloo gahee olaanaa akka qabus dubbataniiru.

Kanaafis mootummaan seenessii waloo sabdaneessummaarratti bu’uureffate ijaaruuf kutannoon hojjechaa jira jedhan.

Seenessiin waloo kunis imala badhaadhinaa Itiyoophiyaa mirkaneessuu, faayidaa biyyaalessaa eegsisuu, tokkummaa ummataa cimsuuf murteessaa ta’uun, hunduu gahee isaa bahachuu akka qabu dhaamuu Tajaajilli Oduu Itiyoophiyaa gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii https://www.facebook.com/afaanoromoofana

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment