Mootummaan tibba kana godina Matakkalitti qaamolee gocha sukkanneessaa raawwataan qulqulleessuun tarkaanfii kan fudhatu ta’u ibse

Finfinnee, Bitootessa 3, 2014 (FBC)- Mootummaan tibba kana naannoo Beenishaanguul Gumuuz godina Matakkalitti qaamolee gocha sukkanneessaa fi mirga namooma cabsee raawwataan qulqulleessuu tarkaanfii kan fudhatu ta’u ibseera.

Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa dhimmicha ilaalchisee ibsa baaseen, tibba kana godinichatti aanaa Guubaatti gochi hedduu sukkanneessaa ta’ee raawwatamuu himeera.

Viidiyoon miidiyaalee hawaasaarra deddeebi’aa  turee gochi gara jabina lammiilee nagaa ibiddaan gubatanii akka du’aan taasisuu ta’uu ibsichaa eerameera.

Gochi kunis aadaa fi duudhaa Ityoophiyaa kamirrayyuu adda kan ta’e yakka sukkanneessadha jedhameera.

Gochicha addatti mormuu  fi mootummaan qaamolee gochicha raawwataan qulqulleessuun tarkaanfii barbaachisaa ta’ee akka fudhatuu ibsichaan eerameera.

Naannoo Beenishaanguul Gumuuziitti iddoowwan adda addaatti garee shororkeessaa ABUT to’achuufi miidhaa lammiileerra qaqqabuu ittisuuf naannichii qaamolee nageenyaa biroo waliin hojjechaa akka jiruus eerrameera.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

 

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment