Mootummaan tarkaanfiiwwan qaala’iinsa jireenyaa tasgabbeessuuf dandeessisan fudhata jira-TKM

Finfinnee, Bitootessa 24, 2014 (FBC)- Mootummaan tarkaanfiiwwan qaala’iinsa jireenyaa tasgabbeessuuf dandeessisan fudhata jiraachuu Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa beeksiseera.

Ministirri Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Dooktar Laggasaa Tulluun har’a dhimma waqtaawaa ilaalchisee ibsa laataniiru.

Biyyattitti qaala’insa jireenya muudateen sababni olaanaa sadarkaa idil addunyaatti daballii gatii shaqaxoota ta’uu Dooktar Laggasaa himaniiru.

Dabalatanis rakkichaaf hattoota mootummaa keessa jiranii fi daldaltoota faayidaa hin malleef tattaffataniif ta’uu eeraniiru.

Mootummaan shaqaxoota bu’uuraa ta’an sirnaan dhiyeessuu fi sirna gabaa fooyyeessuuf kallattii furmaataa fi karoora baasee hojjechaa jiraachuu beeksiseera

Qaala’iinsa jireenya dandamachiisuuf abbummaan dhimmacha hawaasa waan ta’eef to’annoo fi hordoffii taasisuu cimsee akka itti fufuu ibsaniiru.

Oomishaa fi oomishtummaa dabaluu dhabuun, sababoota gurguddoo ta’uu dubbataniiru.

Mootummaan rakkoo mudataa jiru kanaaf fala kaa’uuf karoora yeroo gabaabaa fi dheeraa diriirsuun hojjechaa jiraachuu himuun, yeroo gabaabaa keessatti fala kaa’uuf oomisha jiru hawaasaaf dhiheessuun warreen oomisha dhoksan irratti tarkaanfii fudhachuu ibsichaan himaniiru.

Qaala’insa jireenya kaayyoo siyaasaaf itti fayyadamuu fi bu’aa siyaasa argachuuf humnoota socho’aan irratti gocha isaaniirra akka of quusataan mootummaam akeekkachiiseera.

Uummataa fi uummata walitti buusuuf tattaaffii taasifamaa jiraachuu kan ibsaan Ministirichi, keessaayuu qaamolee Uummattoota naannolee Oromiyaa fi Amaaraa walitti buusuuf tattaaffii taasisaan gochicharraa akka of qusataan gaafataniiru.

Deeggarsa namoomatin walqabsiisee kutaa kaabaa biyyatti naannoo Tigraayiitti deeggarsa namoomaa ariifachiisuuf hojiiwwan hojjetamaa jiraniin karaa dhaabbileen deeggartoota idil addunyaa geejjiba xiyyaaraa fi lafarratiin deeggarsi taasifamaa jiraachuu ibsameera.

Guyyaa kaleessa konkolaattoonni fe’uumsa jajjaboon 13 miidhaan nyaata fe’aan Maqalee qaqqabuu himaniiru.

Konkolaattooni hafan 7 imalarra jiraachuu eeraniiru.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment