Mootummaan sirna gabaa dhaabbilee alaaf banaa kan taasisu ta’uu ibsame

Finfinnee, Gurraandhala 29, 2014 (FBC) – Mootummaan sirna gabaa dhaabbilee alaaf banaa kan taasisu ta’uu Ministir Deetaan Ministeeera Maallaqaa Dooktar Iyyoob Takkaaliny ibsan.

Daballiin gatii guyya guyyaa taasifamu guddina diinagdee gaaffii keessa galchuu ibsameera.

Kanaaf mootummaan guddinni diinagdee waliigalaa akka uumamuuf filannoowwan galii lammiilee guddisuu danda’an barbaaduutu irra jira jedhan.

Hangasaatti garuu daballii gatii sadarkaa olaanaan guddachaa dhufe to’achuuf haala sababa isaa adda baaseen furmaanni mootummaarraa kan eegamu ta’uu dubbataniiru.

Gabaa addunyaarratti daballiin gatii meeshaalee haalaan guddachaa jiraachuu fi sababni isaa inni duraa gatiin meeshaalee alaa galanii kallattiin shammattootarra kan bu’u ta’uu kaasaniiru.

Gatiin oomishaalee kanneen akka Sibiilaa, Zayitii, Boba’aa fi oomishaaleen alaa galan biroo dabaluunii fi  haalli nageenyaa dhiyeessii oomishaa danquun daballii gatiif ga’ee olaanaa qabaachuu eeraniiru.

Imaammanni maallaqaa mootummaan ittiin baasii haguugaa jiru dhiibbaa mataasaa kan uumu ta’uu fi warren kana adeemsa keessa soroorsaa adeemuu yoo baanne kan caalu dhufuu danda’a jedhan.

Haalli nageenyaa mootummaan karaa nageenya waan filateef sadarkaa fooyyee qabuun oomishaaleen akka dhiyaataniif carraa kan uumu ta’uu himaniiru.

Gama biraan sirni gabaa biyyattii namoota muraasaan qabamuun mootummaan saffisaan fooyyee akka taasisu gochuu eeraniiru.

Sirni gabaa dorgommiif banaa ta’uu akka qabuu himaniiru.

Akkuma Indaastiriin teelekoomii dorgommiif banaa taasifame yeroo isaa eegee sirni bittaa fi gurgurtaa biyyattii dhaabbilee daldalaa idil addunyaaf banaa kan taasifaman ta’uu ibsaniiru.

Baahaaruu Yidnaqaachawutu gabaase.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment