Mootummaan Saa’uud Arabiyaa ijaarsa dijiitaalaa hundagaleessaa Ityoophiyaatiif deeggarsa akka taasisuu ibse

Finfinnee, Bitootessa 29, 2014 (FBC) –Mootummaan Saa’uud Arabiyaa ijaarsa dijiitaalaa hundagaleessaa Ityoophiyaatiif deeggarsa kan taasisuu ta’uu beeksiseera.

Workshooppiin manni maree carraa hojii uumuu Idil Addunyaa Saa’uud Arabiyaatti gaggeeffameera.

Workshooppicharratti kan hirmaatan Ministir Deetaan Ministeera Innooveeshinii fi Teeknooloojii Ityoophiyaa Aadde Huriyaa Alii, haala mijataa dijiitaala hundgaleessaa uumuuf hojii Ityoophiyaan eegalte ilaalchiisuun ibsa kennaniiru.

Mootummaan Saa’uud Arabiyaas hojii dijitaala hundagaleessaa uumuuf eegalame kana akka deeggaru ifoomsuusaa Aadde Huriyaan himaniiru.

Workshooppii Magaalaa Riyaaditti taa’ame kanarrattis hoggantoonnii fi ogeessonni damee teeknooloojii biyyoota addunyaa garaagaraa irraa dhufan hirmaachuu ragaan  Ministeera Inooveeshinii fi Teeknoolojiirra argame ni mul’isa.

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment