Mootummaan Saa’udii Itiyoophiyaanota gara biyyaatti deebisuuf deeggarsa taasisu cimsee akka itti fufu ibse

Finfinnee, Onkololeessa 15, 2017 (FBC)- Mootummaan Saa’udii Arabiyaa Itiyoophiyaanota gara biyyaatti deebisuuf tarkaanfii Mootummaan Itiyoophiyaa fudhachaa jiruuf deeggarsa taasisu cimsee akka itti fufu ibse.

Saa’ud Arabiyaatti Ambaasaaddarri Itiyoophiyaa Dooktar Muktaar Kadiir, Ambaasaaddara Dhimmoota Qonsilaa Ministeera Dhimma Alaa Saa’udii Alii Abdurraahmaan Al Yuusuuf fi Daayrektara Jeneraalaa Dhimmoota Lammiilee Biyya Alaa Dooktar Mahaammad Al Shamrii waliin mari’ataniiru.

Ambaasaddar Muktaar wayita marichaatti mootummaan Itiyoophiyaa lammiilee seeraan ala Saa’ud Arabiyaa galan gara biyyaatti deebisuuf kutannoo argisiise cimsee kan itti fufu ta’uu ibsan.

Rakkoo jiru maddarraa furuuf haala diinagdee fooyyessuu, hubannoo lammiilee gabbisuu, faddaaltota namoota seeraan ala daddabarsan seeraan itti gaafatamtoota taasisuu, to’annoo keellaawwan daangaa cimsuu irratti Itiyoophiyaan xiyyeeffannaa addaan hojjechaa jiraachuu akeekaniiru.

Dameewwan biroorrattis Mootummaa Saa’udii fi seektaroota dhuunfaa waliin walta’iinsa jiru cimsuun akka barbaachisu hubachiisuu ragaan Embaasicharraa argame ni mul’isa.

Aanga’oonni Saa’udii gama isaaniin, lammiilee seeraan alaa gara Saa’udii galan gara Itiyoophiyaatti deebisuu fi dameewwan biroon hariiroon qaban murteessaa ta’uu kaasaniiru.

Gama kanaan walta’iinsi jiru cimee akka itti fufu fedhii mootummaa isaanii ta’uu ibsuun, lammiilee kanneen gara biyyaatti deebisuuf tarkaanfii mootummaan Itiyoophiyaa fudhachaa jiruuf deeggarsa taasisan cimsanii kan itti fufan ta’uu mirkaneessaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment