Mootummaan qaamolee garee ABUTiif deeggarsa taasisanii fi da’oo ta’aniif akeekkachiisa dhumaa laate

Finfinnee, Bitootessa 10, 2013 (FBC)- Mootummaan qaamolee garee juuntaaf tumsaa taasisaniif akeekkachiisaa dhumaa laachuu beeksiseera.

Gareen seeraan alaa ABUT kallattinis ta’e al-kallattiin badii raawwateen nageenya booreessuu, du’aatii fi buqqatii lammiilee akkasumas naannichatti tasgabbiin akka hin jiranne taasisuu Waajjirri Muummee Ministiraa ibsa baaseen himeera.

Tattaaffii Mootummaan Federaalaa rakkicha karaa nagaan hiikuuf taasisaa ture akka dadhabbiitti fudhachuun gareen ABUT kun yakka biyyaa diiguu raawwateera.

Keessattuu raayyaa ittisa biyyarraatti halleellan raawwatee kan bira darbamuu hin dandeenyee fi birmadummaa biyyaa kan qoredha ta’uu ibsichi eerera.

Mootummaan Federaalaa walitti bu’iinsa gareen badii ABUT qaqqabisiiseen miidhaa namoomaa fi qabeenyaa ga’ee deebisee ijaaruu fi dhaabuuf hojjechaa jiraachuu ibseera.

Ibsichi miidhaa namoomaa fi qabeenyaarra ga’ee hir’isuuf bulchiinsa naannichaa fi misoomaa naannichaa sadarkaa fooyya’aarraan ga’uuf dhalattoonni naannichaa fi Ityoophiyaannoonni ga’ee olaanaa taphachuu ereera.

Yaa ta’uutii tokkummaa biyya cimsuuf, duudhaalee, waliin jireenyaa fi bu’uraalee misoomaa gareen badii kun diige deebisanii ijaaruuf hirmaannaan qaamolee garaagaraa murteessaa ta’u mootummaan ni amana jedha ibsichi.

Qaamoleen yakka olaanaa gareen kun raawwate keessaatti qooda qaban ajajni qabamuu mana murtii irratti ba’e hoggantoonni olaanoon waraanaa fi siyaasaa karaa nagaan dhaabbilee seera kabachiisanitti harka akka laatan mootummaan waamicha dhiyeessera.

Hoggantoonni kunneen miidhaan dabalataa akka hin geenyee fi dhiigni lammiilee akka hin dhangalaane qoodasaanii akka ba’aan mootummaan waamicha dhiyeessera.

Hoggantoonni olaanoon waraanaa fi siyaasaa garee ABUT ajaja kana hin fudhanne adabbii cimaan isaan eeggaturra akka of baraaranii fi lammiileesaanii miidhuurra akka of qusatan jechuun mootumman waamicha taasiseera.

Waamicha dhumaa kana fayyadamuun hoggantoonni kunneen gara haqaatti of hin dhiyeessineerratti akkataa seerri eeyyamuun olaantummaa seeraa kabachiisuuf jecha tarkaanfii barbachiisaan kan fudhatamu ta’uu mootummaan ifoomseera.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

 

 

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment