Mootummaan olantummaa seeraa kabachiisuuf yakkamtoota seeratti dhiyyeessuuf hojjecha jiru akka deeggaran ibsan

Finfinnee, Sadaasa 30, 2013 (FBC) – Mootummaan olantummaa seeraa kabachiisuuf yakkamtoota seeratti dhiyyeessuuf hojjecha jiru akka deeggaran ibsan.
Mootummaan olantummaa seeraa kabachiisuuf yakkamtoota seeratti dhiyyeessuuf kan hojjechaa jiru ni deeggarra jedhan dhalattoonni naannoo Tigiraayi Magaalaa Adaamaa jiraatan.
Jiraattoonni kunneen akka himanitti haleellaan garee badii ABUT raawwate Raayyaa Ittisa Biyyaa qofa irratti raawwate miti Tigiraay dabalatee Saba fi sablammoota Ityoophiyaa hunduma irratti raawwate jechuun, kana immoo Ityoophiyaannoonni hundi balaaleeffachuu qabus jedhaniiru.
Akka OBN gabaasetti, obbo Takilahaymsanot Gabiretsadiiq akka himanitti, nuti Oromiyaa keessa waggoota dheeraaf jiraachaa ture, waliin waan hamaafi gaarii dabarsaa waan qabnu waliin hirmaachaa turre jedhaanii,sababa humnoota farreen nageenyaan tokkummaan keenyaa hin diigamu jedhaniiru.
Nuti kan barbaannu jijjiirama, guddina biyya keenya fi harka walqabnne biyyaa keenya ni ceesifanas jedhaniiru.
Itti gaafataman Paartii Badhaadhina Magaalaa Adaamaa obbo Alamayyoo Tulluu akka himanitti, akka biyyattiitti hojiin olantummaa seeraa kabachiisuuf yakkamtoota seeratti dhiyyeessuuf hojjetamaa jiraachuu himaniiru.
Mootummaan waraana hin barbaaduu garuu nageenya biyyatti eegsiisuuf dirqama qabas jedhaniiru .
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment