Mootummaan nageenyi bu’uura hundaa waanta’eef waa’ee isaa baayy’isee dubbata – Dooktar Laggasaa Tulluu

Finfinnee, Waxabajjii 10, 2015 (FBC) – Mootummaan nageenyi bu’uura hundaa ta’uu isaan waa’ee isaa baayy’isee dubbata jedhan Minisstirri Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Dooktar Laggasaa Tulluun.

Nageenya daheeffachuun maqa balleessiin mootummarratti gaggeeffamu sirrii kan hin taane ta’uu Dooktar Laggasaan fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin ibsaniiru.

Mootummaan olaantummaa seeraa kabachiisuu fi nageenya waaressuuf tarkaanfii fudhataa jiru cinaatti diinagdee tasgabbeessuuf tattaaffii cimaa taasisaa jiraachuu eeraniiru.

Bu’aan barbaadames argamaa jira jedha.

Qaamoleen tokko tokko tattaaffii kana gufachiisuuf mootummaan nageenyaaf xiyyeeffannoo kan hin laanne fakkeessuun duula maqa balleessii gaggeessaa jiraachuu dubbataniiru.

Yaa ta’uutii qaamoleen ilaalcha finxaaleyyii qaban olola sobaa tamsaasuun ummataa fi ummata walitti buusuun Nageenyi akka hin waarofne hojjetaa jiraachuu kaasaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment