Mootummaan nageenya lammiilee eegsisuufi dhiyeessii deeggarsa namoomaa mirkaneessuuf hojjechaa jira- Ambaasaaddar Taayyee Atsqasillaasee

Finfinnee, Onkololeessa 15, 2015(FBC)- Mootummaan nageenya lammiilee eegsisuufi dhiyeessii deeggarsa namoomaa mirkaneessuuf kutannoon  hojjechaa jiraachuu Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Ergamaan Dhaabbii Ityoophiyaa Ambaasaaddar Taayyee Atsqasillaaseen ibsaniiru.

Manni Maree Nageenyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii guyyaa kaleessaa mata duree “Nageenyaafi Tasgabbii Afrikaatti” jedhuun walga’ii cufaa gaggeesseera.

Ambaasaaddar Taayyeen haala waqtaawaa kaaba Ityoophiyaa ilaalchisee walga’icharratti ibsa laataniiru.

Mootummaan Ityoophiyaa mirga Ityoophiyaanota maraa kabajuufi kabachiisuuf, nageenya lammiilee nagaa eeguufi eegsisuuf akkasumas dhiyeessii deeggarsa namoomaa mirkaneessuuf kutannoon hojjechaa jiraachuu eeraniiru.

Bakkeewwan Raayyaa Ittisa Biyyaan to’atamanitti dhiyeessii deeggarsa namoomaa saffisiisuuf tarkaanfiiwwan fudhatamuu ibsaniiru.

Dhimmi kaaba Ityoophiyaa ilaalcha qajeeltoo irratti hundaa’e kan gaafatu ta’uu dubbataniiru.

Kana malees mootummaan Ityoophiyaafi qaamoleen nageenyaa naannoo Tigraay dabalatee kutaalee biyyattii biroo keessa socho’uu kan danda’an ta’uu mana marichaaf ibsaniiru.

Hoggansa Gamtaa Afrikaa rakkoo kaaba biyyattii karaa nagaan furuuf mootummaan kutannoo qabaachuu addeessaniiru.

Miseensonni mana marichaa milkaa’ina adeemsa marichaaf deeggarsa akka taasisaniifi ejjennoowwan maricharratti shakkii uumuu danda’an tarkaanfachiisuurraa akka of qusatan gaafataniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment