Mootummaan naannoo Somaalee jiraattoota naannoo Afaar balaa lolaan miidhamaniif deeggarsa taasise

Finfinnee, Hagayya 4, 2012 (FBC) – Mootummaan naannoo Somaalee jiraattoota naannoo Afaar balaa lolaan miidhamaniif deeggarsa taasise.
 
Akka Biiroon dhimmoota koomiiniikeeshinii mootummaa naannichaa beeksisetti, Zayta nyaataa kaartoonii 300, Daakuu kuntaala 350, Ruuzii kuntaala 566, uffata qorraa 620, sharaawwan rooba ittisan 520 fi deeggarsi ogeeyyii yaalaa taasifameera.
 
Naannichaatti lagni Awaash guutuun namoota hedduu miidhuun isaa kan yaadatamuudha.
 
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Comments (0)
Add Comment