Mootummaan naannoo Somaalee humnoota naannichatti hokkora uumuuf yaalan irratti tarkaanfiin akka fudhatamu akeekkachiise

Finfinnee, Eebila 24, 2014 (FBC)- Mootummaan naannoo Somaalee humnoota sabummaa fi amantii dahoo godhachuun naannichatti hokkora uumuuf yaalan irratti tarkaanfiin akka fudhatamuu akeekkachiiseera.

Mootummaan Naannichaa  haala yeroorratti ibsa kenneera.

Mootummaan Naannoo Somaalee nageenyii fi tasgabbiin biyyattifi naannichaa akka hin jiraanneef yeroo dhiyootti gochoota mul’achaa jiran hordofaa turuu beeksiseera.

Keessumaa gareen finxaaleeyyii amanta dahoo godhachuun humnoota alaa waliin ta’uun ummata walfudhee waliin jiraachaa jiru gidduutti walqoodinsaa fi jeequmsa uumuuf gocha badaa hojjetamaa jiru mootummaan naannichaa fi uummanni cimsee kan balaaleffatu ta’uu eereera.

Akkasumas mootummaan naannichaa qaamolee gosaa fi amantaa dahoo godhachuun naannicha bakka hokkoraa fi jeequmsa taasisuuf kan yaalanii fi ergamtoota qaama alaaf hojjetan adda baasuun tarkaanfii cimaa barbaachisu akka fudhatus akeekkachiiseera.

Kanaafuu Ityoophiyaanoonnii fi jiraattonni naannichaa humnoota biyya diiguuf sosocho’an ittisuuf mootummaa cinaa dhaabbachuun garee finxaaleeyyii sabummaa fi amantaa dahoo godhachuun socho’an fashaaleessuu akka qabus hubachiisuu ragaan Biiroo Kominikeeshinii naannichaarra argame ni mul’isa.

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

Comments (0)
Add Comment