Mootummaan Naannoo Sidaama Magaalaa Hawaasatti Warshaan Zayita nyaataa kan jalqabaa Birrii biiliyoona 1.7n ijaaruuf akka ta’ee ibsame

Finfinnee, Muddee 18, 2013 (FBC) – Mootummaan Naannoo Sidaama Magaalaa Hawaasatti Warshaan Zayita nyaataa kan jalqabaa Birrii biiliyoona 1.7n ijaaruuf akka ta’ee ibsame.

Warshaa Zayitaa kana kan ijaaru gareen biziinasii AM bakka mootummaan Federaalaa fi Naannolee akkasumas hoggantoonni olaanoon argamanitti sirni dhagaa bu’uura ka’uu taasifameera.

Ministeerri Daldalaafi Industirii Obbo Malaakuu Alabaal Ityoophiyaan baasii Zayitaaf ji’aan Birrii miiliyoona 48 akka baastu himuun warshaaleen Zayitaa biyyattii keessa jiran %12 qofa kan uwwisan ta’uus ibsaniiru.

Preezdantiin Mootummaa Naannoo Sidaama obbo Daastaa Ledaamoo imaamanni biyyatti abbootii qabeenyaa dhuunfaa kan jajjabeessu ta’uu himuun abbootii qabeenya hojii misooma irratti bobaa’u barbaadan biroofis haalli mijaatan jiraachuu ibsuun waamichaa isaaniis dabarsaniiru.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.

Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

Comments (0)
Add Comment